Chapter 20: The Gadaa System

Sirna Gadaa

Sirna Gadaa

Sabni Oromoo fedhii hawaasaa gosa-gosaa qaba. Fedhii biyyaa quubsuuf dhaabata hawaasaa bakka namuu akka dandeettii isaatti gahee fudhatu jaaruu barbaachisa. Akkasumattiis, sabni Oromoo sirna hawaasaa kan Gadaa jedhamu jaare. Sirna Gadaatiin Oromoonni tajaajila hawaasaa hundaa kan akka aadaa, barnoota, amantii, politikaa, dinagdee fi lola hogganuuf dhimma itti bahan turan.

Naannoon Gadaa tokko bara afurtama qaba. Naannoon tokko bakka shanitti goodama. Warri biyya bulchan bara saddeet-saddeetitti jijjiiramu. Kana jechuun faragaan Gadaa takkaa bara saddeeti. Farqaa lammeessaaf warra biraa filama. Dura taa'aan mootummaa (akka sirna Gadaatti) Abbaa Bokkuu yookaan Abbaa Gadaa jedhamu. Abbaan Gadaatiis bara saddeet booda bakka isaa gad dhiisa. Dhaabanni mootummaa kan sirna Gadaa bakka sadiitti hirama. Isaaniis 'hojii geggeessituu, seera baastuu fi seera hojii irra oolchituu'. Kutaan hojii geggeessituu bakka hedduutti hirama. Isaaniis aadaa, barnoota, dubbii keessaa, dubbii alaa, harii fi duula. Suuraan mootummaa Oromootaa fi sirnni mootummaa demokraasii kan Awurooppaa fi Ameerikaa bakka heduutti wal fakkaatu.

Heera Mootummaa

Governmental Constitution

Heerri mootummaa waan afur qaba. Isaaniis: Qixxummaa, Qajeelina, Eegumsa, fi If-dheerina. Mootummaan tokko ummata isaa ija tokkoon laaluu isa irra jira. Mootummaan namuu akka seeraan wal qixa ta'u, milkii jireenyaa argatu, jiruu hawaasaa keessatti akka dandeettii isaatti gahee fudhatu taasisa. Mootummaan tokko jiruu hawaasaa biyyaa qajeelcha. Karaan dhaabanni hawaasaa itti guddatu baasee hojii irra oolcha. Sagantaa barnootaa akka fedhii baraatti qopheessee hogganu. Akkasumas mala guddina dinagdee biyyaa tolchee deeminsa isaa akeekatee laala.

Heerri mootummaa kan biraa eegumsa biyyaati. Biyya tokko waan sadiirraa eeguu barbaachisa. Kan duraa, ummanni biyya tokko akka nagaan jiruu hawaasaa isaanii deemsisani gargaaruu fi eeguu. Lammeessaan, saba waan hamaarraa eeguu. Fakkeenyaaf aadaa badaa (kan hawaasa balleessitu kan akka aarsa-sumii fi dhugaatii) fi dhukkuba daddarbaa. Sadeessaa, biyya diina alaa dhuftee saamuu feeturraa eeguu barbaachisa.

Heerri mootummaa jabaan waa'ee if-dheerinaati. Beekumsi mootummaa guddaan jiruu mootummaa dheeressuu. Karaan mootummaan jiruu isaa itti dheeressu akkana: waan hundarraa aangoo mootummaa akka namuu ulfeessu gochuu isa irra jira. Dhaabanni mootummaa waan hundarraa akka ol tahe barsiisuu fi lallabuun hedduu gargaara. Kanaan aanee, nama dandeettii qabu filanii akka gaariitti akka hojjetan waan hojii isaatiif barbaachisu qopheessuun jiruu mootummaa dheeressa. Ummanni biyya tokko, jiruu politikaa keessatti hirmaatanii haala qajeeloo uumuu barbaachisa. Akkasumas, dargaggeessi biyyaa qalamu akka hojii isatti argatu taasisuu. Kanaan achi ummanni biyyaa yeroo hundaa abdii fi jaalala biyyaa akka qaban gochuun gatii guddaa fida. Namni abdii dhabe, homtuu hin sooratu, biyyas dhaba. Haalli akkanaa kun jiruu mootummaa tokko gabaabsa. Kanaafuu, hojii keenya gaarii hojjechuu malee adaba hawaasaa seera jaboon eeguu nu irra jira. Yoo akkana hin taane, mootummaan tokko ilaalchaa fi hojii laafaa ta'ee gargar ba'a. Hoggaa sun mootummoon tokko jiruun isaa raawwatame jedhama.