Essential English Conversation

Asking Personal Information: Review / Odeeffannoo dhuunfaa gaafachuu: Irra-deebii

Introduction

Ammayyuu: Yooyyaa! Barataan Afaan Ingilizii kamiyyuu isa malee baruu kan hindandeenye qooqa barbaachisoo kan siif dhiheessu, gara Essential English Conversation, baga nagaan dhufte. Ani Ammayyuudha. Mee jalqaba waan barnoota afran dabran irratti xiyyeeffanne yeroo mari’atan haa caqasnu.

Laura: Are you married?

Tony: Yes, I am.

Laura: Have you got any brothers or sisters?

Tony: Yes, I’ve got two brothers.

Laura: How old are you?

Tony: I’m thirty-five.

Laura: When’s your birthday?

Tony: My birthday’s on June the 17th.

Practice Quiz

Hangam yaadatte? Mee qormaata kanaan si haa ilaallu. Deebii sirrii ta’e dhagahuukee dura maal akka jettu yaaduuf yeroo qabda.

Ammayyuu: Tole gaaffii jalqabaa , ‘Akkamin gaa’ila godhatteettaa’ jettee gaafatta?

Are you married?

Ammayyuu: Ittaansuun, ‘Eeyyee, ani gaa’ila godhadheera’ jechuu dandeessaa?

Yes, I am.

Ammayyuu: Ittaansuun, akkamin ‘Obbolaa dhiiraa ykn dubaraa qabdaa?’ jedhee gaafadha?

Have you got any brothers or sisters?

Ammayyuu: Ittaansuun, ‘Obboleessa’ laman qaba’ jedhi.

Yes, I’ve got two brothers.

Ammayyuu: Ittaansuun, ‘Umriinkee meeqa?’ jedhii gaafadhu.

How old are you?

Ammayyuu: ‘Ani soddomii shanii’ jedhi.

I’m thirty-five.

Ammayyuu: Dansa! Ittaansuun, ‘Guyyaan dhalootakee yoomi?’ jechuun gaafachuu yaali.

When’s your birthday?

Ammayyuu: Dhumarratti, ‘Guyyaan dhalootakoo gaafa Waxabajjii bultii kudha torbaffaa’ jedhi.

My birthday’s on June the 17th.

Listening Comprehension

Ammayyuu: Bareeda! Amma irra-deebinee shaakaluudhaan hanga hubatte haa ilaalu. Yeroo namoonni lama odeeffannoo waa’ee isaanii wal gaafatan dhaggeeffachuuf jirta. Caqasiiti namtichi obboleessaa fi obboleettii meeqa akka qabu, umriinsaa meeqa akka ta’e akkasumas guyyaan dhalootasaa yoom akka ta’e hubadhu.

Claire: Have you got any brothers or sisters?

Gareth: Yes, I’ve got two brothers.

Claire: How old are you?

Gareth: I’m twenty-six.

Claire: When’s your birthday?

Gareth: My birthday’s on June the 17th

Ammayyuu: Hundasaa hubattee? Eeyyee, namtichi obboleessa lama qaba, umriinsaa digdamii jahaa akkasumas guyyaan dhalootasaa gaafa Waxabajjii bultii kudha torbaffaadha.